Fana: At a Speed of Life!

Antoonii Biliinkan Finfinnee galan

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.

Biliinkan wayita buufata xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an Ministir Deetaan Ministeera Dhimma  Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan simannaa taasiisaniifiru.

Turtii Ityoophiyaatti taasiisaniin Kaaba Ityoophiyaatti nagaa buusuuf tarkaanfii fudhatamee fi waldhabdee uumame dhaabuuf raawwii waliigaltee nageenyaarratti marii ni taasisaniin eegama.

Dhimma dhiyeessa deeggarsa namoomaa, wabii nyaataa fi mirga namoomaa ilaalchisee dhaabbilee deeggartootaa fi Hawaasa Siiviilii waliin ni mari’atu jedhame.

Komishinara Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat waliinis ni mari’atuun eegama.

Antoonii Biliinkan Niijerittis daawwannaa hojij ni taasisu jedhameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.