Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu guddisuuf fedhii qabaachuu beeksise

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Gamtaan Awurooppaa hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu caalmaatti guddisuuf fedhii qabaachuu Tajaajila Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaatti Itti aanaa Barreessaa olaanaan Ambaasaaddar Eenariikee Mooraan beeksisaniiru.

Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Ambaasaaddar Eeniriikee Mooraa waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Ityoophiyaan waliigaltee nageenyaa hojiitti hiikuuf tattaaffii taasisaa jirtu Ambaasaaddar Eeniriikee Mooraan dinqisiifataniiru.

Nageenya Gaanfa Afrikaaf nageenyi Ityoophiyaa murteessaa ta’uu eeraniiru.

Gamtichi hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu sadarkaa fooyya’aatti guddisuuf fedhii qabaachuu himuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.