Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan biyyoota talaalliiwwan akka oomishaniif adda bahan keessaa tokko ta’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 5 , 2015 (FBC)- Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa talaalliiwwan akka oomishaniif adda bahan jaha keessaa tokko ta’uu ibsameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Giddugala To’annoo Dhibeewwanii Afrikaa waliin ta’uun biyyoota Afrikaa itti warshaalee oomisha talaalliiwwanii ijaaru jaha adda baaseera.

Biyyoonni kunneenis Ityoophiyaa, Ruwaandaa, Naayijeeriyaa, Gaanaa, Keeniyaafi Aljeeriyaa ta’uu eerameera.

Dhaabbata Fayyaa Afrikaatti Daayrektarri Eegumsa Fayyaa Afrikaa Dooktar Adeeliheeyid Ooniyaangoon, warshaaleen kunneen biyyoota Afrikaa garaagaraa keessatti hundaa’uun weerara dhibeewwan gara fuuladuraatti mudachuu malan ittisuuf wabii ta’uu ibsaniiru.

Gama Ejensii Qorichaa Afrikaan dandeettii weerara dhibee to’achuufi dandamachuu biyyoottan Afrikaa fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.

Warshaaleen biyyoottan jahaanitti ijaaraman kunneen Afrikaan dhiyeessii biyyoota deeggartootaa irratti akka hin irkanne kan dandeessisu ta’uu ibsuu “Amreef Heelz Afrikaa”gabaaseera.

Afrikaan warshaa oomisha talaallii hundeessuun oomisharratti kan argamtu ta’uus yaadachiifameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.