Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo manneen jireenyaa furuuf bulchiinsi magaalichaa dhaabbiilee mootummaa fi miti-mootummaa waliin hojjechaa jira- Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Bitootessa 5 , 2015 (FBC)- Rakkoo manneen jireenyaa magaalaa Finfinnee furuuf bulchiinsi magaalichaa dhaabbiilee mootummaa fi miti-mootummaa waliin hojjechaa jiraachuu kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Aadde Adaanach gabaasa raawwii karooraa baatiiwwan jahan darbanii mana mare magaalichaaf dhiyeessaniin, baatiwwan jahan darbanitti fayyadamummaa jiraattoota magaalicha mirkanneessuuf hojiin bu’aa qabeessii hojjetamuu ibsaniiru.

Keessatuu rakkoole walxaxxoo gama siyaasaa ,dinaagdee, hawaasummaa fi rakkoolee caasaa sadarkaa sadarkaan jiranii hiikuuf qamoolee dhimmi ilaallatuu fi jiraattoota walin ta’uun hojiilee hedduun hojjetamuu dubbataniiru.

Hojiileen guyyoota 90 nama irratti xiyyeeffatan bu’aa gaarii argamsiisuu eeruun, hojiileen kunneen gara fuuladuraatti kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru.

Hojiilee gama geejjibaa hojjetamaa turan caalmaatti itti fufsiisuuf kan hojjetamuu ta’uu ibsuun, baattiwwan jahan darbanitti Awutoobisoonni 200 ol rakkoo teeknikaa isaa mudateen hojii dhaabuu eeraniiru.

Kanneen keessaa warreen suuphaan isaanii xumuramuun gara hojiitti deebi’an jiraachuu kaasaniiru.

Rakkoo geejjiba magaalichatti mul’atu furuuf Baankii Addunyaa waliin ta’uun bittaa Awutoobisoota 200 raawwachuu eeruunn kanneen keesaa Awutoobisoonni 100 Finfinnee galuun tajaajila eegaluu yaadachiisaniiru.

Hojiileen misoomaa magaalaa kanneen akka bareedina magaalaa , Piroojektiwwanii fi Qonnaa magaalaa bu’aa gaarii argamsisuu eeruun, gara fuuladuraattis xiyyeeffanoon kan hojjetaman ta’uu addessaniiru.

Mootummaan nageenya hawaasa magaalichaa eegsisuufi olaantummaa seeraa kabachisuuf kan hojjetuu ta’uu eeraniiru.

Baattiwwan jahan darbanitti rakkoo bulchiinsa lafaa furuuf hojiileen gurguddoon hojjetama turuu yaadachiisuun, weerara lafaa fi ijaarsa seeraan alaa ittisuuf xiyeeffanoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Rakkoo manneen jireenyaarratti mul’atan furuuf bulchinsi magaalichaa dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Qaamolee misooma magaalichaaf gumaachan hunda galateffataniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.