Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Rooba cabbii makate roobeen qabeenyi Birrii miiliyoona dhibba 3 olitti tilmaamamu barbaadaa’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2015 (FBC) – Godina Walloo Kibbaa aanaalee Ambaasalii fi Albiikootti Rooba cimaa cabbii makate roobeen qabeenyi Birrii miiliyoona dhibba 3 olitti tilmaamamu barbaadaa’uu ibsameera.

Rooba kanaan qabeenyi Beelladaa ,oomishaaleen garaagaraa fi manneen jireenyaa hedduun barbadaa’uu Itti gaafatamaan Waajjira Ittisa Balaa fi Wabii Nyaataa godinichaa Obbo Ibraahiim Yimar eeraniiru.

Omisha misooma Jallisi lafa hektaara 571 irratti misoomee ture dabalatee kuduraalee fi Muduraaleen guutummaatti barbadaa’uu kaasaniiru.

Miidhaa qaqqabe hordofee jiraattoonni aanaalee kanneenii deeggarsa ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu Obbo Ibraahiim Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.