Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan Ityoophiyaa waliin faayidaa waloof walitti dhiyeenyaan hojjechuuf qophii ta’uu ibsite

Finfinnee, Bitootessa 4, 2015 (FBC)- Chaayinaan Ityoophiyaa waliin faayidaa waloorratti walitti dhiyeenyan hojjechuuf yeroo kamuu caalaa qophii ta’uu Daayrektarri Kutaa Pirotokoolii Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Hoongi Lii dubbatan.

Hongi Liin kana kan jedhan galagalchaa xalayaa Chaayinaatti muudamaa Amabaasaaddar Ityoophiyaa Tafarraa Darriboon wayita ministeerichaaf dhiyeessanitti.

Hongi Lii Chaayinaatti Ambaasaaddara Ityoophiyaa ta’uun muudamuu isaaniitiin baga gammaddan jedhanii, faayidaa waloo biyyoota lameeniif walitti dhiyeenyaan akka hojjetan himaniiru.

Daayrektarri Jeneraalaa Dhimmoota Afrikaa Chaayinaa Wuu Peengi, Ambaasaaddar Tafarraan Chaayinaatti turtii isaanii keessatti hariiroo Ityoophiyaa fi Chaayinaa gidduu caalmaan akka cimu abdii qaban marii bilbilaan taasisaniin ibsaniiru.

Dabalataanis faayidaa waloo biyyoota lameeniif walitti dhiyeenyaan kan hojjetan ta’uu ragaan Chaayinaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Tafarraan simannaa taasifameef galateeffatanii, mootummaan Ityoophiyaa hariiroo gama lameenii mootummaa Chaayinaa waliin qabu caalmaan cimsuuf fedhii qabaachuu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.