Godinni Geedi’oo fi dhaabbileen garaagaraa Booranaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 12 olitti tilmaamamu taasisan
Finfinnee, Bitootessa 3, 2015 (FBC)-Bulchiinsi Godina Geedi’oo fi dhaabbileen garaagaraa lammiilee Godina Booranaatti hongeen miidhamanif deeggarsa akaakuu garaagaraa Birrii miliyoona 12 olitti tilmaamamu taasisaniiru
Godinni Geedi’oo hawaasa hirmaachisuun midhaan nyaataa, daakuu kuntaala 800, nyaata loonii Kuntaala 750 fi bishaan darzana 1,000 ol Birrii miliyoona 10 fi kuma 500tti tilmaamamu deeggarsa taasissaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Yuunivarsiitiin Saayinsii fi teeknolojii Adaamaa midhaan nyaata kuntaala 362 Birrii miiliyoona 1 fi kuma 400’n bituun deeggarsa taasiseera
Dhaabbanni Waldaan Misoomaa Qindaa’aa Fincaa’aa (FIDA) fi deeggartoonni isaa Boqolloo kuntaala 90 fi Zayita liitira 400 Birrii kuma 400 fi 45tti tilmaamamu, akkasumas Dhaabbanni ‘Atis Namaa Charity’ midhaan nyaataa, bishaan, uffannaa fi kanneen biroo deeggarsa taasisuu ragaan kominikeshinii Godina booranaarraa argame ni mul’isa.
Itti Gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa Godina Booranaa Obbo Hasan Huqqaa fi Maanguddoonni Booranaas qaamolee deeggarsa taasisan galateeffataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.