Naannichatti qaala’iinsa gatii ittisuuf hojjetamaa jira – Obbo Musxafee Mahaammad
Finfinnee, Bitootessa 2, 2015 (FBC) – Naannoo Somaaleetti qaala’iinsa gatii ittisuuf karoorri yeroo gabaabaa fi dheeraa qabamee hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin naannichaa Obbo Musxafee Mahaammad ibsan.
Qorannoo fi qo’annoo qaala’iinsa gatii ittisuuf taasifame ilaalchiseen yaa’iin qoranoo magaalaa Jigjigaatti gaggeeffameera.
Qaala’iinsichi sadarkaa idil addunyaa, biyyaalessaa fi naannichaatti miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu Obbo Musxafee Mahaammad yaa’icharratti ibsaniiru.
Miidhaa qaala’iinsi gatii qaqqabsiisu hir’isuuf karoorri yeroo dheeraa fi gabaabaa qabamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Obbo Musxafeen naannichatti oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbachuu ragaan miidiyaa naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.