Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti hanqina Bishaanii hambishuuf pirojektiiwwan Birrii biiliyoona 5 oliin ijaaramaa jiru

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Godina Booranaatti hanqinaa bishaanii hambisuuf pirojektiiwwan garaagaraa Birrii Biiliyoona 5 oliin ijaaramaa jiraachuu Ministeerri Bishaanii fi Inarjii besksise.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan FBC’f akka ibsanitti, sababa hongee Godina Booranaatti mudateen hanqina bishaanii hambisuuf boollawwan bishaanii 41 qotameera.

Pirojektii kana raawwachiisuuf deeggarsa Maallaqaa Baankii Addunyaa, Baankii Misoomaa Afrikaa fi Dhaabbata Misoomaa Mootummootaa Baha Afrikaa (IGAD) irraa argamuu ibsanii, hanqina bishaanii godinichaa waggoota lama keessatti furuuf xiyyeeffannaan ni hojjetama jedhaniiru.

Godinichatti waggoota 16’n dura eegalamee kan turee fi aanaalee shan kan walquunnamsiisuu ijaarsi Pirojektii Neetiwoorkii Booranaa harkifatus, pirojektichi ijaaramaa tajaajila akka kennu taasifamuu ibsan.

Boollawwan bishaanii godinichatti argaman 522 keessaa 119 sababa hongeen tajaajila dhaabuu Waajjirri Bishaanii fi Inarjii Godina Booranaa beeksiseera.

Kunis uwwisa bidhaanii godinchaa %50.7 ture %33’tti hir’achuun ibsameera.

Almaaz Mokoonnintu gabaase

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.