Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin Giddugala Bulchiinsa Hojjettoota Naannawaa Afrikaa eegale

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Yaa’iin 49ffaan Giddugala Bulchiinsa Hojjettoota Naannawaa Afrikaa bakka ministiroonni biyyoota miseensotaa argamanitti Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Saganticharratti Minister Deetaan Ministeera Hojii fi Ogumaa Assaggid Geetaachoo haasawaa taasisaniin, mootummaan Ityoophiyaa bulchiinsi hojjetttootaa galmoota misoomaa biyyaalessaa milkeessuuf bu’uura ta’uu ni hubata jedhan.

Giddugalichi rakkoolee bulchiinsaa hojettoota Afrikaanotaa akka furaman gahee olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.

Ityoophiyaan miseensaa giddugalichaa ta’uun fayyadmtuudha jedhanii mootummaanis galmootaa misoomaa milkeessuuf wabiin hawaasummaa haalduree murteessa ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis argisiistuun kutaalee hawaasaa umrii dheerinaan, miidhaama qaamaan, koorniyaa, balaa fi rakkoolee walfakkatoo biroof saaxilaman eegumsaa seeraan ragga’e akka taasisu ibsaniiru.

Bulchiinsa hojjetaa fi hojjechiisaa ilaalchisuun dhimmoota hojjetootaa mul’atanii fi sochiin dinagdee idileen alaa akka Ardiitti qormaata yeroo ammaa mudachaa jiran ta’uun walta’iinsaa irratti hojjechuu qabna jedhaniiru.

Ministiroonni biyyoota miseensotaa kaayyoo tarsiimawaa wabii hawaasummaa Dhaabbannii Hojjettootaa Idil Addunyaarratti kan mari’atu ta’uun ibsameera

Biyyoota miseensotaa 19 fi biyyoonni taajjabdootaa sababa vayirasii koronaan hojjettootaa miidhaan irraa ga’e haala deeggaruun danda’amu irratti mari’achuu fi sanadni ogeeyyiin qophaa’e akka ragga’u himamuu ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.