Fana: At a Speed of Life!

Miseensa Buusaa Gonofaa ta’uun dhaabbata guddicha Baha Afrikaa akka tahu hojjechuu qabna-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Miseensa Buusaa Gonofaa ta’uun dhaabbata guddicha Baha Afrikaa akka tahu hojjechuu qabna jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obboo Shimallis, sagantaa beekamtii qaamolee deeggarsa namoomaa taasifamerratti, yeroo ammaa namoonni miiliyoonni 4.3 deeggarsa kan barbaadan ta’uu kaasuun, qaamolee deeggarsa taasisanis galateeffataniiru.

Dabalataan gama tokkoon Buusaa Gonofaa Oromiyaa cimsaa, gama biraatiin ammoo, dinagdee hongee dandamatu ijaaruun rakkoo keessaa bahuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Buusaa Gonofaa Oromiyaa, erga dhaabbatee waggaa tokkoo gadi ta’us, miseensota miiliyoona 9 ol horachuu himanii, namoonni karaa Buusaa Gonofaa deeggarsa taasisuu akka qaban dhaamuu ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Dhaabbatichi barattoota miiliyoona 5 oliif nyaata mana barnootaatti dhiyeessaa jiraachuu yaadachiisanii, lammiileen miseensa ta’uun dhaabbata guddicha Baha Afrikaa akka tahu hojjechuu qabna jedhaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.