Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ityoophiyaa fi Rippaabilikiin Cheek walta’iinsa gam-lameeniirratti mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Mootummaan Ityoophiyaa fi Rippaabilikiin Cheek gidduutti hammattoo walta’iinsa damee qonnaa fi bishaanii haaraa jijjiirama qabeenya qilleensaa kan dandamatu walta’iinsa gam-lameeniirratti mari’ataniiru.

Marichi, karooraa misoomaa fuulduree fi mul’ata egeree akkasumas walta’iinsaa misooma biyyoota lameen gidduutti taasifamu irratti waliigalteerra ga’uuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Waltajjii marichaarratti Ministir Deetaa Ministeera Maallaqaa Samaariitaa Sawaasawuu dabalatee bakka bu’oonni Ministeera Qonnaa, Ministeera Ministeeraa Pilaanii fi Misoomaa akksumas, Ministeera Bishaanii fi Inarjii argamaniiru.

Rippaabilikiin Cheek xumuramuu kaartaan ji’oolojikaalaa fi haayidirooloojikaalaaf tumsa taasisanirratti Ministeerri Bishaanii fi Inarjii ibsa kenneera.

Kana malees, Ministeerrii Pilaanii fi Misoomaa tarsiimoo hojiirra oolmaa karoora misoomaa waggoota 10 irratti ibsa taasiseeara.

Damee qonnaan dargaggoota deeggaruu, fuuncaa sona nyaataa beeksisuu fi baajataa ramaduun seektaroota lameenuuf dursi akka kennamu taasisuuf waliigalteerraa ga’ameera.

Hammattoo walta’iinsa misoomaa keessatti Rippaabilikiin Cheek bara faranjootaa 2001 eegalee Ityoophiyaa keessatti bal’inaan hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Sagantaalee fi pirojektoota Rippaabilikii Cheek Ityoophiyaaf bishaan, qonnaa, bulchiinsa lafaa fi ji’oolojikaalaaf deeggarsa taasisuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.