Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo Ityoophiyaa fi Jibuutii gama maraan cimsuuf ni hojjenna-Pireezidaantii Jibuutii

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015(FBC)- Hariiroo Ityoophiyaa fi Jibuutii gama maraan cimsuuf kan hojjatamu ta’uu Pireezidaantiin Jibuutii Ismaa’el Omar Geelleen ibsan.

Daawwannaa hojiif Jibuutii kan jiran Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Simeen Pireezidaantii Jibuutii Ismaa’el Omar Geellee waliin mari’ataniiru.

Walitti hidhamiinsa biyyoota lameenii gama fayyadamummaa diinagdeen cimsuuf bu’uuraalee misoomaa akka daandiirratti xiyyeefachuun murteessaa ta’uu Dooktar Alamuun himaniiru.

Jibuutii fi Ityoophiyaan walitti hidhamiinsa qaban gara sadarkaa itti aanuutti ceesisuuf kuttannoon gama lameeniin jiraachuu qaba jedhan.

Jibuutiin tajaajila geejjiba doonii kennitu fooyyessaa jiraattus, daandiin Ityoophiyaa fi Jibuutii walquunnamsiisuu fi sararawwan tajaajila doonii si’ataa Ityoophiyaan akka hinarganne taasisu mijataa ta’uu dhabuun faayidaan barbaadamu utuu hinargamiin turuu kaasaniiru.

Daawwannaa ministirichaatiin daandiiwwan ijaarsi isaanii adda citan akka itti fufanii fi kanneen hineegalamiin akka eegalamaniif waliigalteerra gahamuu Dooktar Alamuu Simeen Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetitti himaniiru.

Kutannoo fi qophaa’ummaan pireezdaantii biyyattii fi hoogantoota hojii bira jiru kan galateeffachiisuun ta’uu kan himan Dooktar Alamuun, turtii isaaniitiin Paarkii Indaastirii Daamarjoog, buufata baaburaa Nagaadii, ijaarsa tarminaala boba’aa fi bu’uuraalee misoomaa kanneen biroo daawwachuu eeraniiru.

Daandiin Dikil-Gaalaafii ijaarsi isaa yeroo qabameefitti akka xumuramu akkasumas Daandiin Galamoo-Molodii kaffaltiin raawwatamuudhaan akka eegalamu waliigalteerra gahamuu Ministirri Ministeera Meeshaalee fi Bu’uuraalee Misoomaa Jibuutii Hasan Ibraahim ibsaniiru.

Addis Taammiraatitu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.