Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Kuweet hariiroo poolisummaa cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015 (FBC)- Ityoophiyaa fi Kuweet hariiroo poolisummaa cimsuuf waliigalaniiru.

Komishinarri Jeneraalaa Koomishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’eel, Ityoophiyaatti Ambaasaddar Kuweet Naayif Haabiis Al Utayibii waliin mari’ataniiru.

Koomishinar Dammallash Gabiramiklaa’eelii fi Ambaasaaddar Naayif Haabiis Al Utayibii, biyyoonni lameen hariiroo poolisummaa cimsanii itti fufsiisuun waliin hojjechuu fi yakkoota daangaa ce’oo waloon ittisuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Hariiroon biyyoota lameenii baroota dheeraa kan lakkoofsise ta’uu kan ibsan komishinarichi, hariiroo kana sadarkaa caalutti ceesisuuf dhaabbileen poolisii walta’iinsaan hojjechuu akka qaban dubbachuu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Baayer Al Utaayibii gama isaaniin, gurmaa’iinsa to’annoo daangaa Poolisii Federaalaa, loojistiksii, ijaarsa dandeettii fi teeknooloojiin deeggaruuf, akkasumas muuxannoo waljijjiiruu fi tumsuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Fuuldurattis dhaabbilee poolisii biyyoota lameenii gidduutti hariiroo eegalame caalmaan cimsuuf sanada waliigaltee mallateessuun eerameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.