Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannichaa yaa’ii idilee 15ffaa isaa labsiifi muudama garaagaraa raggaasisuun xumure

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015(FBC)- Manni Maree Beenishaangul Gumuz yaa’ii idilee 15ffaa isaa labsiifi muudama garaagaraa raggaasisuun xumure.

Manni marichaa wixinee labsii fooyya’iinsa hojiimaataafi naamusa miseensa mana marichaafi wixinee labsii fooyya’iinsa bulchiinsa abbootii alangaa qoratee raggaasisuu eerameera.

Kana malees manni marichaa koree dhaabbii Misooma Humna Namaafi kanneen biro keessatti walitti qabaa tokkoofi miseensota shan guutuun, muudama abbootii murtii waliigalaa, godinaafi aanaa 61 raggaasiseera.

Pireezidaantiin naannichaa kan dhiyeessan obbo Sanbataa Qajeelaan Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa naannichaa ta’uun muudamuu TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.