Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti dhibeen Koleeraa sadarkaa olaanaan babal’ataa jira-DhFA

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015 (FBC)- Dhibeen Koleeraa waggoota 20 as sadarkaa Idil Addunyaatti sadarkaa olaanaan babal’ata jiraachuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.

Dhiibbaan jeequmsa diinagdee, jijjiirama qabeenya qilleensaa fi vaayirasii koronaa, dhibechi sadarkaa olaanaan akka babal’atuuf sababa ta’uu eerameera.

Yeroo ammaas biyyoota 30 keessatti lakkoofsi namoota dhibee Koleeraan qabamanii dabalaa jiraachuun ibsameera.

Hanqina qulqullina bishaaniirraa kan maddu dhibeen Koleeraa sadarakaa olaanaan wayita babal’atu, waggoota 20 as kan jalqabaa ta’uu ragaan Dhaabbata Fayya Addunyaa ni argisiisa.

Keessumaa biyyoota naannawaa Afrikaa Kibbaatti rooba cimaa roobeen dhibechi sadarkaa olaanaan babal’achuu akka danda’u ibsameera.

Sooriyaatti waggoota 15 as akkasumas Liibaanositti waggoota 30 as dhibechi sadarkaa weeraraan mudachuu biyyoota labsan ta’uu RT’n gabaaseera.

Tatamsa’ina dhibechaa dhaabuuf biyyoonni galteewwan eegumsaa fayyaaf barbaachisan guutuu akka qaban eerameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.