Fana: At a Speed of Life!

Lammiileeee hongeen mudaterraa dandamachiisuuf tumsi Qindaa’aan ummanni taasisaa jiru kan dinqisiifamuudha – Aadde Sa’aadaa Abduramaan

Finfinnee, Guraandhala 27, 2015 (FBC) –Lammiilee hongeen mudaterraa dandamachiisuuf tumsi Qindaa’aan ummanni taasisaa jiru kan dinqisiifamu ta’uu Af yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduramaan ibsan.

Duudhaa ummanni keenya ittifayyadamaa jiruuf seeraan beekkamtii kenninee fayyadamummaa lammiilee keenyaa mirkaneessuu dandeenyee jirra kan jedhan Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan.

Buusaa Gonofaa rakkoo har’aa ittiin hiikkachuun caalaatti, karaa ittifufiinsa qabuun wabii ummata akka ta’uuf yaadamee kan hundaa’e ta’uu kaasaniiru.

Mootummaafi ummanni karaa qindoomina qabuun walta’ee balaa umamaa gammoojii Oromiyaa keessatti lammiilee irra gahaa jiru qolachuuf tumsi taasisaa jiran kan dinqisiifatamu ta’uu ibsaniiru.

Qabeenyi xiqqaan ummanni lammii isaaf gumaachu walitti dhufee lammiilee hongeen miidhaman baraaruun danda’ameeta jedhan.

Sabni guddaan kun daangaa hanga daangaatti ummata isaaf birmachuun tumsi taasisaa jiru kan nama boonsu ta’uu kaasaniiru.

Ummanni Booranaa hawaasa aadaa boonsaa qabu, rakkatee harka namaa ilaaluu hin beekne, garuu immoo hawaasa abdii guddaa ummata isaarraa qabudha jedhan.

Ummanni bal’aan waamicha taasifameef fudhatee yeroo gabaabaa keessatti tumsi taasisaa jiru, dhugaa kana qabatamaan kan mirkaneesse ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.