Mariin haala abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiin hirmaachuu danda’an irratti xiyyeeffate gaggeeffame
Finfinnee, Guraandhala 27, 2015(FBC)- Mariin haala abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa Ityoophiyaatti hojiilee invastimantiin hirmaachuu danda’an irratti xiyyeeffate gaggeeffamuu Ministeerri Indaastirii ibse.
Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allabal Barreessaa Olaanaa Gamtaa Dargaggoota Idil Addunyaa Kooriyaa Kibbaa Dooktar Huun Mook Lii waliin damee indaastirii oomishaafi dhimmoota biroorratti mari’achuu eerameera.
Mariisaaniin, abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa damee indaastirii oomishaa, oomisha kophee irratti bobba’an hojiilee invastimantii Ityoophiyaarratti haala hirmaachuu danda’anirratti mari’achuu ibsameera.
Kana malees leenjiiwwan damicha dadammaqsuu danda’an kennuuf waliigalteerra ga’amuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.