Aadde Adaanach manneen waliin jireenyaa ijaarsi isaanii hin xumuramne akka xumuramu hubachiisan
Finfinnee, Guraandhala 26, 2015 (FBC) – Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen manneen waliin jireenyaa ijaarsi isaanii hin xumuramne hanga Waxabajjiitti akka xumuramu hubachiisaniiru.
Ijaarsi manneen waliin jireenyaa yeroo qabamabeef keessatti ijaaramanii xumuramaa akka hin jirre gamaaggama taasiisaniin hubatamuu ibsaniiru.
Hanqinni kun sababa hanqina dhiyeessii Simmintoo,daballii galteewwan ijaarsaa fi daangaa kabachiisuun walqabatee kan uumame ta’uu himaniiru.
Yaa ta’uutii rakkooleen kunneen saffisaan furamuun ijaarsi isaanii xumuramuun fayyadamtootaaf darbuu akka qaban hubachiisaniiru.
Ijaarsi manneen kanneenii saffisaan xumuramuu akka qabu kallattii kaa’aniiru.
Ijaarsi manneen waliin jireenyaa kun hanga baatii Waxabajjiitti xumuramuun tajaajilamtootaaf tajaajila barbaaddame akka laatan kallattiin kaa’amuun ragaan waajjira kantibarraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/