Hiyyummaafi ilaalcha eeggattummaa dargaggootaa hir’isuuf hojjetamaa jira – BCHUOO
Finfinnee, Guraandhala 26, 2015 (FBC) – Hiyyummaafi ilaalcha eeggattummaa dargaggootaa hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa beeksise.
bpBiirichi milkaa’ina intarpiraayizootaaf paakeejiiwwan deeggarsa tarsiimoodhaan adda bahan kanneen akka dhiyeessii faayinaansii, meeshaalee kaappitaalaa, bakka oomishaafi gurgurtaa, walitti hidhaminsa gabaafi kenneeb biroo jiraachuu Hogganaan Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sabbooqaan ibsaniiru.
Bara kana intarpiraayizoonni ulaagaa ce’umsaa keessa darbuun qabeenya horachuunsaanii mirkanaa’e kuma 1 fi 21, miseensota kuma 4 ol qaban, kaappitaala Birrii biiliyoona 2.3 horachuurra darbanii carraa hojii dhaabbiifi yeroo kuma 15fi 821 uumuun gara guddattuu giddugaleessaatti ce’uu isaanii ibsaniiru.
Hiyyummaafi ilaalcha eeggattummaa dargaggootaa biratti mul’atu maqsuun sochiifi babal’ina Intarpiraayizootaa magaalota keessatti babal’isuun lammii diinagdeen badhaadhe uumuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Maddi:- DhPI
#Oromiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.