Fana: At a Speed of Life!

Roobootiin dhiitoo huuba qoonqoo adda baasu yaalii taasise

Finfinnee, Bitootessa 1, 2012 (FBC) – Chaayinaatti namoonni vaayrasii koroonaatif akka hin saaxilamneef roobootiin dhiitoo huuba qoonqoo adda baasu yaalii taasiseera.

Wayita ammaa addunyaaf sodaa guddaa kan ta’ee vaayrasii koroonaa ittisuuf biyyoonni hirmaannaa taasisaa jiru.

Namoonni vaayrasichaan qabamuu fi qabamuu dhabuu adda baasuuf qorannoo dhiita huuba qoonqoo ni taasisuu.

Hojicha ammayyeessuuf roobootonni nama bakka bu’uun hojiilee garaagaaraa hojjechaa jiru.

Chaayinatti ogeeyyoonni fayyaa vaayrasichaaf akka hin saaxilamneefis bakka isaanii bu’uun dhiita qoonqoo adda baasuuf roobootiin hojii yaaliitti galeera.

Dhiita huuba qoonqoo adda baasuuf dhukkubsataatti dhiyeenyan yaalin fayyaa waan taasifamuuf, kanaanis vaayrasichi carraa dhukkubsataarraa ogeessatti darbuu ni qabaata.

Kana hambisuufis roobootichi ragaa sassaabee kan kennu, meeshaalee manatsarii fi haadmaleessa fayyadamuuni.

Kanaafis hojjettoonni fayyaa adeemsasaa fageenyarraa to’achuu ni danda’u jedhameera.

Roobootichi Chaayinaatti gareedhan saayinsii akkaadaamitiin kan hojjetamedha.

Ogeeyyota fayyaa dhibicharraa ittisuu fi samuudaa bayooloojikaalii walitti qabamuu fooyyessuuf yaadamee kan hojjetame ta’uun ibsameera.

Roobootichis ragaa huubni qoonqoo osoo hin miidhamin dhiitaasaa %90 adda baasuu ni danda’a jedhameera.

Maddi:-CTGN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.