Fana: At a Speed of Life!

Barattoota Mana Barumsaa Bultii Addaa WMO bara 2014tti qormaata kutaa 12ffaa fudhataniif badhaasniifi beekamtiin kenname

Finfinnee, Guraandhala 25, 2015(FBC)- Barattoota Mana Barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa barattota bara 2014tti qormaata kutaa 12ffaa qoramaniif Magaalaa Adaamaatti Sirna badhaasaafi beekamtii kennuu gaggeeffameera.

Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoon, barattoonnifi barsiisonni guyyaa har’aa badhaasaafi beekamtii argattan haala rakkisaa keessa teessanii qabxii boonsaa galmeessisuun keessan waan addaati jedhan.

Kana booda waan addaa biyyi keessan waan isin irraa eegduuf cimtanii hojjettanii hojii kalaqaan akka as baatan imaanaa jenna jedhaniiru.

Deeggartoonni Waldaa Misooma Oromiyaa waliin taanee manneen barnootaa Bultii Addaa haa babal’ifnu jechuun dhaamaniiru.

Walitti qabaan boordii Waldaa Misooma Oromiyaa Obbo Abbaa Duulaa Gammadaan, bara qabxiin barattootaa akka biyyaatti rakkoo ta’e keessatti barattoonni Waldaa Misooma Oromiyaa qabxii olaanaa galmeessisuun isaanii adda kan isa taasisu ta’uu ibsaniiru.

Gama barnootaan bu’aa barbaadamu caalmaatti cimsuuf Waldaa Misooma Oromiyaa cinaa haa dhaabannu jechuun dhaamaniiru.

Bulchaan Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo barattoonni qabxii biyya boonsu fiduun maqaa naannoo keenyaa ol kaasuu keessaniif galatoomaa jechuun, kana caalaa hojjechuun biyya keenya beekumsaan haa hooggannuu jedhan.

Daarikteerri Olaanaan Waldaa Misooma Oromiyaa Obbo Dajanee Itichaa gamasaaniin, barattoonni gara yuunivasiitii ramadamtanii deemuuf jirtan kana boodas dirree barnootaa keessanitti cimuun maqaa gaarii amma argattan kana akka cimsitan jechuun dhaaman.

Bara kanas barattoota 76 keessaa barattoonni 21 carraa barnoota biyya alaatti barachuu argachuu ibsameera.

Baahiluu Baaneetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.