Fana: At a Speed of Life!

Gumichi Waamichi araaraa fi nageenya buusuu jalqabame akka milkaa’uuf guyyaa kadhannaa labse

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015 (FBC) – Waamichi araaraa fi nageenya buusuu jalqabame akka milkaa’uuf Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa guyyaa kadhannaa labseera.

Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa haala yeroorratti miidiyaaleef ibsa kenneera.

Gumichi ibsa kenneen waamicha mootummaan Naannoo Oromiyaa wal dhabdee qaamolee hidhannoon Oromiyaa keessa socho’an waliin jiru karaa nagaan hiikuuf dhiyeesse kan deeggaru ta’uu ibseera.

Waamichi kunis akka milkaa’uuf deeggarsa barbaachisu hundaa kan taasisu ta’uu himeera.

Ummata sababa hongee fi walitti bu’iinsaan miidhaman namni hunduu tumsuu akka qabus dhaameera.

Kadhannaan soomaa guyyoota sadiif turu amantoota hundaa biratti Bitootessa 1-3, 2015 akka taasifamu waamicha dhiyeessuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.