Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Qaxxaamura Diimaa Biyyaalessaafi Damee Oromiyaa horsiisee bultoota Booranaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015 (FBC) – Godina Booranaatti Waldaan Qaxxaamura Diimaa Biyyaalessaafi Damee Oromiyaa horsiisee bultoota Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataafi zayitaa Birrii miliyoona7.2 gumaachaniiru.

Daakuu kuntaala 900, Zayita leetira 4,500 Birrii miliyoona 7.2 baasu abbootii warraa kuma 1fi 800tiif gumaachuu Pireezidaantiin Dhaabbata Qaxxaamura Diimaa Ityoopiyaa Obbo Abarraa Tolaa himaniiru.

Dabalataan Birrii miiliyoona 99 gumaachuuf qophii ta’uu Obbo Abarraan himaniiru.

Itti aanaa Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoon qaamolee deeggarsa taasisanis galateeffachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii godina Booranaarraa argame.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.