Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaatti Barattoota dhaabbilee barnootaa olaanoo seenaniif deeggarsi maallaqaa taasifame

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015 (FBC) – Godina Booranaatti Barattoota dhaabbilee barnoota olaanootti darbaniif deeggarsi maallaqaa taasifameera.

Ijoollee horsiisee bulaa maatiin isaanii sababa hongeen rakkoo diinagdee keessa jiran Barattoota 100f Birriin miiliyoonn 1 deeggarsi taasiifameera.

Dhalatootni godinichaa fi namootni dhuunfaa tumsa kan taasiisuu qindeessaan sosochichaa Dooktar Godaanaa Jaarsoon himaniiru.

Marsaa lamaan barattoota 200’f Lakkoofsi Herreega baankii banameefi hanga barnoota isaanii xumuranitti kan deeggaraman ta’uu Dooktar Godaanaan ibsaniiru.

Deeggarsi marsa 2ffaa barattoota 100’f taasiifamu kan itti fufu ta’u dubbataniiru.

Wayita rakkoo keessa jiranitti daa’immaan isaanii deeggarsa kana argachuutti daraan gammaduu maatiin barattootaa himaniiru.

Deeggarsi taasifmeef barnoota isaanii yaaddoo malee akka baratan kan isaan gargaaru ta’uu barattoonni deeggarsa argatanis dubbataniiru.

Saganticharratti kan argaman Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Obbo Dheengee Boruu qaamolee barattotaa kanneeniif tumsa taasiisan galateeffataniiru.

Barattoota rakkoo hongee keessa osoo jiranuu dhaabbilee barnoota olaanoof darban dinqisiifataniiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.