Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makkonnin Ittaantota Ministiroota Dhimma Alaa Kaazaakistaaniifi Sarbiyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015(FBC)- Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makkonnin Ittaantota Ministiroota Dhimma Alaa Kaazaakistaaniifi Sarbiyaa waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaa Makonnin Sosochii Yaa’ii Biyyoota Walabaa Azarbaajaan magaalaa Baakuutti gaggeeffamaa jiruun cinaatti haala Ityoophiyaan tumsa biyyoota garaagaraa waliin qabdu cimsuu dandeessurratti mari’ataniiru.

Ittaanaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa Kaazaakistaan Kaaneet Tuumash jijjiiramoota siyaasaafi diinagdee mootummaa Ityoophiyaan taasifaman dinqisiifataniiru.

Biyyi isaanii tuurizimiifi invastimantiirratti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu kaasaniiru.

Abbootiin qabeenyaa hojiilee daldalaa irratti bobba’an Kaazaakistaanitti daawwannaa hojii akka taasisaniifi hariiroo isaanii akka cimsan gaafataniiru.

Kana malees Kaazaakistaan barattootaaf carraa barnoota bilisaa kan mijeessitu ta’uu dubbataniru.

Obbo Dammaqaa Makonnin gamasaaniin, haala hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaarratti ibsa kennuun, tattaaffiiwwan dandeettii keessoon rakkoolee furuuf taasifaman akkasumas adeemsa hojiirra oolmaa isaa ibsaniiru.

Tumsa daldalaa biyyoota lameenii sadarkaa barbaadamutti guddisuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Bifuma walfakkaatuun obbo Dammaqaa Makonnin Ittaanaa Ministiraa Ministeera Dhimma Alaa Sarbiyaa Ayivak Daaseek waliin marii taasisaniiru.

Mariisaaniin haala hariiroo seena qabeessa biyyoota lameenii cimsuun danda’amurratti mari’achuu TOI gabaaseera.

Biyyoonni lameen miseensota sosochii biyyoota walabaa yoo ta’an, Ityoophiyaa waliin waltajjiiwwan idil addunyaafi dippiloomaasii hunda galeessarratti tumsaan kan hojjetan ta’uu ibsameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.