Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi lammiilee godina Booranaa hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 8.5 taasise

Finfinnee, Guraandhala 23, 2015(FBC)- Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksi Dhaabbiilee itti wamaamtootaa waliin ta’uun lammiilee godina Booranaatti hongeen miidhamaniif deeggarsa miidhaan nyaataa Birrii miiliyoona 8.5 tti tilmaamamuu taasiseera.

Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Obbo Dheengee Boruu , Yeroo rakkoon uumamaa hammaatutti lammiileen waan qabaniin hawaasa horsiisee bulaa hongeen miidhamaa jiruuf birmachuu akka qaban ibsaniiru.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Boruu, deeggarsa taasifameef galatteeffachuun deeggarsicha fudhaaniiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.