Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti qaamolee gatii hin malle oomisha simmintoorratti dabalanirratti to’annoo cimaan gaggeeffamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 23, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinneetti qaamolee gatii hin malle oomisha simmintoorratti dabalanirratti to’annoo cimaan gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa magaalichaa beeksise.

Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Waldaalee Oomishtoota Simmintoo waliin gurgurtaa simmintoo to’achuuf bu’uura qajeelfamaa lakkoofsa 940/2015 baaseen hojiimaataa bittaafi gurgurtaafi raabsaa simmintoo diriirsuun hordoffiin akka taasifamu kaa’eera.

Haa ta’u malee magaalichatti simmintoon hin jiru sababa jedhuun adeemsi kuntaala tokkorratti Birrii kuma 1fi 730- kuma 1fi 850 dabaluun gabaa seeraan alaan gurguramaa jiraachuu Faanaa Biroodkaastiing Koorporeet bakkeewwan gurgurtaa qinxaabootti daawwannaa taasiseen ilaaleera.

Naannoowwan Magganaanyaa, Hayilee Gaarmant, Gooroofi Taklaayimaanotitti qaamolee tilmaama kaa’ameen olitti gurguran irratti hordoffii taasisuun tarkaanfii fudhachuurratti hanqinoonni jiraachuu taajjabeera.

Ittaanaan Pireezidaantii Waldaa Oomishtoota Simmintoo Gazzaanyi Dachaasaan, raabsitoonniifi warreen qinxaaboon gurguraan bu’uura tilmaama kaa’ameen akka gurguraniif qajeelfamni kennamuu ibsaniiru.

Hanqinni simmintoo akka hin uumamneef warshaaleen rakkoo isaan mudatu dandamachuun oomisha oomishaa jiraachuu kaasaniiru.

To’annoo taasifamu cimsuurratti dhaabbilee garaagaraafi qaamolee nageenyaa waliin hojiin hordoffii qindaa’aan eegalamuu kan ibsan ammoo hogganaa Biiroo Daldalaa magaalaa Finfinnee obbo Adam Nuuriidha.

Daldaltoota tilmaama gatii kaa’ameen ala osoo gurguranii argaman irratti tarkaanfii cimaan kan fudhatu ta’uus ibsaniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.