Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan injifannoo Adwaa 127ffaan naannolee garaagaraatti kabajamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 23, 2015(FBC)- Guyyaan injifannoo Adwaa 127ffaan Naannoo Gambeellaa fi naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti sagantaalee garaagaraan kabajamaa jirachuu ibsame.

Injifannoon Adwaa waraana weeraraa Xaaliyaanii kan itti injifatanfi wareegama dhiigaafi lafee kan itti kaffalan ta’uu Bakka Bu’aan Pireezidaantii naannichaafi Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa naannichaa obbo Chankoot Choot ibsaniiru.

Ityoophiyaanonni daangaan biyyattii akka kabajamuuf amantaa, afaan, garaagarummaa ilaalchaan osoo hin qoqqoodamiin jaalalli biyyaa fagoofi dhiyoorraa walitti isaan qabuu eeraniiru.

Kabajicharratti miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, poolisii federaalaa, poolisii naannichaafi humni addaa naannichaa agarsiisa ayyaanicha calaqisiisan agarsiisuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun ayyaanichi naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti bakka Ittaanaan Pireezidaantii naannichaa Geetaahuun Abdiisaafi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Asoosaa obbo Abdulmuuniyam Abdulwaahiid dabalatee hoggantoonni olaanoo naannichaa biroon argamanitti kabajameera.

Saganticharratti ergaawwan injifannoo Adwaa yaadachiisaniifi tokkummaa cimsan darbaa jiraachuu Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.