Fana: At a Speed of Life!

Adwaan fakkeenya qabsoo bilisummaa uummata gurraachaa, chaappaa birmadummaa keenyaati- TKM

Finfinnee, Guraandhala 23, 2015(FBC)- Adwaan fakkeenya qabsoo bilisummaa uummata gurraachaa, chaappaa birmadummaa keenyaati Jedhe Tajaajilli Koominikeeshinii Mootummaa
Tajaajilichi guyyaa yaadannoo injifannoo Adwaa 127ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.

Guyyaan injifannoo Adwaa guyyaa itti Ityoophiyaanonni loltoota weeratootaa bilisummaafi birmadummaa isaanii sarbuuu dhufe onnee gootummaan, tokkummaafi jabinaan itti duuluun injifatan ta’uu eerameera.

Injifannoon Adwaa Ityoophiyaanota hunda jaalalaan kan walitti hidhe misiraachoo bilisummaafi birmadummaa ta’uu ibsameera.

Injifannichi dhagaa bu’uuraa tokkummaan sabdaneessummaa Ityoophiyaa irratti ijaarame ta’uu kaafameera.

Injifannoon Adwaa bu’aa yeroorra darbee seenaa addunyaa dhala namaa kan jijjiire ta’uu ibsameera.

Injifannichi tokkummaan ityoophiyaa kan itti cimeefi calaqqee bu’aa waltumsuu keenyaa ta’uun yaadatamaa tureera jedheera.

Ijoolleen Ityoophiyaa kallattii maraan sagalee tokkoon walitti qabamuun diina cabsuun birmadummaa biyyaa kan mirkaneessan ta’uu ibseera.

Faayidaan Ityoophiyaa waloon malee gargar ba’uun kan hin kabajamne ta’uu Adwaan agarsiiftuu ta’uu eeraniiru.

Ityoophiyaanoonni kaayyoo tokkoof tokkummaan wayita falmatan bu’aa akkamii galmeessuu akka danda’an injifannoon Adwaa akeektuu ta’uu himeera.

Injifannoo Adwaa kan Ityoophiyaa qofa osoo hin taane injifannoo ummataa gurraachaa Addunyaarratti argamanii ta’uu kaaseera.

Yaadama Paan Afrikaanizimii maddisiisuuf bu’uura kaa’uus himeera.

Tokkummaan, ga’umsi hoggansaa, murannoo,gootummaa fi cichoomni abbootiin waraana Adwaa yeroo kamuu kan yaadatamu ta’uu tajaajilichi ibsa isaan himeera.

Yerichatti Ityoophiyaanonni rakkoo keessoo isaanii cinaatti dhiisuun birmadummaa biyyaa kabachiisuufi jabeessuuf waloon dhaabbachuun injifannoo Adwaa akka Gonfannu nu taasiseera jedha ibsi tajaajilichaa.

Dhaloonni har’aa gootummaa, tokkummaafi cichoomina kaayyoo abboota isaa injifannoo Adwaatti mul’ate dameewwan garaagaraan irra deebi’uu akka qabu yaadachiiseera.

Bara keenyas ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaan, haleellaa shororkeessitootaa qolachuun, Ashaaraa Magariisaaniifi dameewwan biroon gamtaan mul’ateefi bu’aan isaa bu’aa miira injifannoo Adwaan socho’uu quubsaa ta’uu kan nama hubachiisu ta’uu eerameera.

Dhaloonni har’aa tokkummaan dhaabbachuun imala badhaadhinaa galmaan akka geenyu injifannoo Adwaarraa barumsa fudhachuufi damee bobbaanerratti miira injifachuu abboota keenyaan wanta nurraa eegamu gochuu qabna jedha.

# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.