Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaantoonni naannolee ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) –Pireezidaantoonni naannolee injifannoo Adwaa waggaa 127ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Mootummaan naannoo Hararii injifannoon Adwaa calaqqee jabinaa,kabajaa, bilisummaa, tokkummaa fi gootummaa ummattoota Ityoophiyaa ta’uu ibseera.

Ayyaanicha wayita kabajnu walqixummaa, tokkummaa fi jaalalaa fi waliif yaaduun ta’uu akka qabu dhaameera.

Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa Obbo Dassitaa Leeddamoonis injifannoon Adwaa wayita kabajamu qabsoo abbootiif ulfina laachuun kabajuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Injifannoon Adwaa fiixee gootummaa, kabaja Ityophiyummaa, cimina eenyummaa fi mallattoo ummattoota guraachaa ta’uu ergaa isaaniin himaniiru.

Adwaan birmadummaa Ityoophiyaa fi seenaa waloo lammiilee Ityoophiyaa ta’uu Itti aanaan Pireezidaantii Naannoo Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa Injiinar Dooktar Nagaash Wageeshoon himaniiru.

Ibsituu seenaa waloo fi sabdaneessummaa biyyaalessaa seenaa koloneeffattootaa jijjiire ta’uu ibsaniiru.

# Ityoophiyaa #Adwaa #Injifannoo

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.