Fana: At a Speed of Life!

Boordichi bu’aa sagalee uummataa godinaalee 6fi aanaalee addaa 5 naannoo uummattoota Kibbaa ifoomse

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015(FBC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa bu’aa sagalee uummataa godinaalee 6fi aanaalee addaa 5 naannoo uummattoota Kibbaa ifoomsuu beeksise.

Godinaaleefi aanaaleen addaa kunneen naannoo tokkotti gurma’uu kan barbaadan mallattoo gugee adiin kan bakka bu’an yoo ta’u warreen naannoo tokkotti gurmaa’uu hin barbaadne ammo mallattoo mana citaan bakka bu’uu ibsameera.

Boordichi ibsa guyyaa har’aa kenneen murtoon uummata Walaayittaa akka irra deebi’amu murtaa’uufi godinaaleefi aanaalee addaa birootti sagaleen uummataa buufataalee filannoo 81 osoo hin hammatamiin filattoonni miiliyoonni 1.6 ol naannoo tokkotti gurmaa’uu filachuufi namoonni naannoo tokko jalatti gurmaa’uu morman kuma 78fi 970 ta’uu eerameera.

Bu’aa sagalee uummataa ilaalchisee Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Burtukaan Miidhaksaa, bu’aan buufataalee filannoo 81 bu’aa waliigalaa sagalee uummataa godinaaleerratti dhiibbaa waan hin uumneef osoo hin hammatamiin hafuu ibsaniiru.

Bu’aan waliigalaa sagalee uummataa Godiina Walaayittaa bu’aa waliigalaa irratti dhiibbaa uumuu waan danda’uuf irra deebiin murtoon uummataa kan gaggeeffamu ta’uu kaasaniiru.

Buufataaleen filannoo bu’aan isaanii bu’aa waliigalaatti osoo hin hammatamiin hafan godina Walaayittaa guutummaan guutuutti, godina Koonsoo buufataalee filannoo 4, Oomoon Kibbaa buufataalee filannoo 4, Gaamoo buufataalee filannoo 21, Geedee’oo buufataalee filannoo 23, Goofaa buufataalee filannoo 10, aanaa addaa Burjii buufataalee filannoo 2, aanaa addaa Alee buufataalee filannoo 3, aanaa addaa Amaaroo buufataalee filannoo 7fi aanaa addaa Daraashee buufataalee filannoo 7 ta’uu eerameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.