Fana: At a Speed of Life!

Lubbuu namaa baraaruuf ijaarsa buusaa gonofaan hojjetamaa jira – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Hongeen mudate lubbuu namaarra miidhaa akka hin qaqqabsiifne ijaarsa buusaa gonofaan hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Moootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan ibsan.

Hongeen mudateen horiin miidhamus lubbuu namaa baraaruuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Obbo Shimallis,Buusaa Gonofaa ijaaruun uummata baraaraaf barattootas nyaachisaa jirra jedhan.

Rakkoo hongee deddeebi’e horsiisee bultoota rakkisaa jiru hundeerraa furuuf karoora yeroo dheeraa mootummaan Naannoo Oromiyaa baaseen bishaan lafa jalaa baasuufi bishaan roobaa kuusuuf Boorana qofatti pirojektoota Finnaa14 ijaaramaa jiru dabalatee hojiileen misoomaa Birrii biiliyoona 30n hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Jilli Pireezidaanti Shimallisiin durfamu Godina Booranaatti haala hongee fi hojiilee misoomaa daawwachuun kan yaadatamuudha.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.