Fana: At a Speed of Life!

Ummata gaafa rakkoo nu deeggaraa ture baraaruuf tumsa taasifnu cimsinee itti fufna – Leetanaal Jeneeraal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Ummata Booranaa gaafa rakkoo nu deeggaraa ture baraaruuf tumsa deeggarsa taasifnu cimsinee itti fufna jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetanaal Jeneeraal Yilmaa Mardaasaan.

Leetanaal Jeneeraal Yilmaa Mardaasaan godina Booranaatti argamuun haala hongee hawaasa godinichaa muudate daawwataniiru.

Hongee hawaasa godinichaa mudate baraaruuf humni qilleensichaa deeggarsa midhaan nyaata fi nyaata beeyladaa taasisuu ibsaniiru.

Deegarsi taasifame gahaa ta’uu baatus Uummata Booranaa wayta rakkoo keessa turre nu cinaa dhaabbate nutis isaan cinaa jiraachuu keenya agarsiisuuf deeggarsa kan taasiifne jedhan.

Deeggarsi taasiifamu cimee kan itti cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.