Fana: At a Speed of Life!

Godinaalee Oromiyaa 10tti namoota hongeen miidhamanif deeggarsi taasifamaa jira – BMNO

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015 (FBC) – Godinaalee Oromiyaa 10tti namoota hongeen miidhamanif deeggarsi taasifamaa jiraachuu Itti Aanaan Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru.

Jilli Pireezidaantii Mootummaaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu godina Boranaatti hawaasa hongeen miidhame daawachaa jira.

Daawwannicharratti kan argaman Itti Aanaan Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin naannichatti godina Booranaa dabalatee godinaalee 10’tti hawaasa hongeen miidhame miiliyoona 4.3’f deeggarsi taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Rakkoo hongee mudate kana xiqqessuuf hojjetamaa jiraachuu himuun, godina Booranaatti qofa piroojektoonni finnaa ( hidhaawwan bishaan roobaa cimmisan) 18 Birrii biiliyoona 5 oliin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhiibaa hongeen lakkoofsi namoota deeggarsa barbaadanii dabalaa jiraachuu eerun, deeggarsa mootummaa fi qaamolee tumsitootaan taasifamu qindeessuun hawaasa dhaqqabuuf hojjetamaa jira jedhan.

Sababa hongeen hanqini mudateen lubbun namaa akka hin dabarre hojiin hojjetamaa jiru cimee itti fufuu dubbataniiru.

Muluu Waaqshumeetu gabaase.
#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.