Fana: At a Speed of Life!

Sababni guddaan Ayyaana Injifannoo Adwaa olkaafnee akka kabajnu ni taasisu injifannichi kan hunda keenyaa ta’uusaati-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Guraandhala 22, 2015(FBC)- Sababiiwwan Ayyaana Injifannoo Adwaa olkaafnee akka kabajnu nugodhan hedduun jiraatanis sababiin inni guddaan injifannichi kan hunda keenyaa ta’uusaati jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad guyyaa injifannoo Adwaa 127ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Baga Ayyaana Injifannoo Adwaa 127fatiin nagaan isin gahe!

Sababiiwwan Ayyaana Injifannoo Adwaa olkaafnee akka kabajnu nugodhan hedduun jiraatanis sababiin inni guddaan injifannichi kan hunda keenyaa ta’uusaati.

Naannawaa Itoophiyaa kamiyyuu yoo deemne bakki dureewwan injifannoo Adwaarratti hin hirmaanne itti argamu hin jiru.

Hundumtuu akka humnaafi dandeettii isaatti dhiigaafi dafqasaa dhangalaaseera; lafeefi foonsaa itti dhabeera; beekumsaafi dandeettiisaa gumaacheera. Akaakayyuufi akaakileewwan keenya aarsaa sana hunda kan kanfalan tokkummaa daangaa biyyaaf, kabaja Itoophiyummaafi birmadummaa biyyaafidha.

Eeynummaa har’a ittiin boonnu, bilisummaa ittiin burraaqnu, biyya keessa oolle bullu kan arganne aarsaa isaaniitiinidha. Adwaan aasxaa hunda keenyaati kan jennus kanaafidha.

Adwaan kennaa qaalii hunda keenyaan dhugoomeefi hunda keenyaaf kenname waan ta’eef akka faaya gati-jabeessaatti ija mararsiifannaatiin ilaalla.

Wantoota hedduudhaan hidhata dhabuu dandeenya; Adwaan wadaroo ta’ee walitti nuhidha. Dhimma heddudhaan walfakkaachuu dhabuu dandeenya; Adwaan halluufi bocaa kennee walnufakkeessa. Wantoota hedduudhaan waliigaluu dhabuu dandeenya; “Injifannoon Adwaa” abbootii keenya duraanii waliigalchee oobdii tokkotti qabsoofsise akka waliigallu nutaasisa.

Humnoonni har’a tokkummaa biyya keenyaa qorumsa keessa galchan biyya keessaas ta’e alaa haa maddani imaanaa akaakileewwan keenyaa owwaaraan makuuf kan ka’an waan ta’aniif diinota hunda keenyaati.

Tarkaanfiiwwan badii bilisummaafi birmadummaa keenya irratti aggaamaman akka dhiitoowwan saggoo Itoophiyaa gidiraadhaan dhaallerratti biqilanitti lakkoofnee ittiin mormina. Qaamota Itoophiyaa xiqqeessuufi Itoophiyummaa xureessuuf dhihee barii’u shira xaxan akka qarabaawwan qaramanii eenyummaa Adwaan ittiin walitti nuhidhe kutuuf qophaa’aniitti fudhanne waliin irratti qabsoofna.

Adwaan injifannoo waraanaa goraadeefi madfiin; eeboofi qawween; gaachanniifi baarudni uuman qofaa miti. Kan dhuudhaalee onneefi gootummaa, ogummaafi ida’amuu jedhamaniitis malee. Diina baay’ina fi gahumsa meeshaatiin nucaalu kan injifanne duudhaalee kanneeniin olaatummaa waan qabaanneefidha.

Xaaliyaaniin meeshaa waraanaa ammayyaa jira jedhame hidhattus, ooneefi gootummaa Itoophiyaanotaa injifachuuf hin dandeenye; dawoo cimaa hammamii ijaartus humna ida’amaa abbootii keenya duraanii hin damdamanne; hammaam baandaawwan bu’aafi matta’aadhaan sossobaniyyuu malaafi toftaa qondaaltota waraanaa keenya jalaa hin baane.

Sababiiwwan heddudhaan hiikni Injifannoon Adwaa Itoophiyaaf qabu akka maallaqa olkaa’amee gatiinsaa yeroo waliin dabalaa deemuutti lakka’amuu danda’a.

Akka qabeenyaa dilbii abbootiin keenya duraanii nuukaa’anii, kan dhaloonni hundi jijjiirratee nagaa, misooma, jaalala, tokkummaa, cimina, gootummaa, ulfinaafi olaantummaa ittiin bitachuu danda’uuti. Irbaatas kabajas kan ta’udha.

Qabeenyi dilbiin kun waggoota dhibba darbanitti weerara irradeddeebiidhaan nutti aggamaman akka qolannu nugodheera.

Qabeenyaan dilbiin kun gita-bittaafi gita-bittoota akka ittifnu nugodheera. Qabeenyaan dilbiin kun diigamuuf jìru edda jedhamnee boodas deebinee akka joobiraa haarofnee akka jabaannu nudandeessiseera. Qabeenyaan dilbii kun sabdaneessummaa hin qoqqoodamneen, tokkummaa hin dachaaneen cimnee jiraachuudhaan nugaheera.

Itoophiyaanota Jaalatamtoota,Wayita Injifannoo Adwaa yaadannu qaamolee afur yaadachuutu nubarbaachisa. Hooggantoota duulichaa, duultota waraanaa, dugduubee waraanichaafi uummata bu’ura duultotaa ta’e.

Injifannoo akka Adwaa fiduufis humnoonni kunneen waliigalanii, qindaa’aniifi walhubatanii kaayyoo biyyoolessaa tokkoof hojjechuutu irra ture.

Atsee Miniliik lammffaafi Iteegee Xaayituun guutummaa waraana Itoophiyaa qindeessanii hooggananiiru.

Yeroofi haala malu filatanii humna keessaafi deeggarsa alaa qindeessanii, ogummaa hooggantummaafi mala dippiloomaasiitiin rakkoowwan bira darbanii; duulaafi injifannoo namoota kuma dhibbatti lakka’aman qindeesseefi walitti hidhe; kan sochiisaatiin addunyaa irratti ajaa’ibsiisaa ta’e, hooggananiiru. Malli hoogganaa jarjaree murteessuudhaan hin beekamu.

Murtii sirrii haalaafi yeroo malu keessatti murteessuudhaan maleessa. Bara 1881 irraa kaasee dhukkubni horii sababa Xaaliyaanotaatiin seene waggoota afuriif uummatas horiisaas miidhee ture.

Beelli hamaanis mudatee ture. Xaaliyaaniin daangaa dhiibaa dhufuunsaa utuma beekamuu hamma guyyaa hamaan sun darbutti, meeshaanis hamma alaa seenutti obsuu barbaada ture.

Hooggansa abbaa gulantaa sadii turerraa barumsa fudhannu qabna. Gubbaarra Mootiin moototaa, itti aanee hooggantoota naannawaa, achirraas dursitoota waraanaa.

Hooggantoota nannawaa addaddaa keessaa tokko tokko Mootichaa waliin kan walii hingalle turani. Bu’aan biyyoolessaa garuu tokko isaan taasise. Tokko tokko fincilanii turani. Biyyi weraramte, daangaanis darbamte gaafa jedhaman garuu lolasaanii dhuunfaa cinatti dhiisanii Itoophiyaaf duulani.

Tokko tokko sirna bulchiinsaa ture waliin walii hin galani turani. Diinni biyya balleessu yeroo dhufu garuu garaagarummaasaanii danda’anii waldhabdeesaanii Itoophiyaa gaditti godhanii duulani.

Qondaaltotaafi aangawwan sana hunda, bulchitoota naannawaa matasaanii sana hunda, hooggantoota hawaasaaa sana hunda wanti duula tokkoof qindeesse maalinni? Sirnicha, bulchiinsicha yookiin dhugeeffannaa ture miti.

Amantii hunda keenyarra Itoopyiyaatu caala jedhu malee. Ulfina keenyarra, garaagarummaa keenyarra, komee keenyarra, lola keenyarras Itoophiyaatu nuucaala jedhanii yaaduu malee. Kanarraa barumsa fudhannu qabna.

Duula guddaa sabdaneessummaafi tokkummaan biyyaa cimee itti mul’ate kanarratti hawaasni Itoophiyaa hin hirmaanne hin jiru.
Afaan sabaafi sablammoota kallattii addaddaarra dhufan waliigalche “bilisummaa” yoo ta’u, sirni waraana sana hunda ajaja tokko jalatti fide “Itoophiyummaa” jedhama.

Sana dura Itoophiyaanonni golee afranirraa dhufan hamma kanaan bakka tokkotti walarganii hin beekani. Bara akka har’aa meeshaaleen sabqunnamtii hin jirretti oduun labsichaa dafee akka walgahu kan godhe miira jaalala biyyaa hundumaa bira turedha.

Injifannoon Adwaa injifannoo warra duree ta’ee hoogganee qofa hin turre; injifannoo warra dugduubee turaniitis malee.

Gootonni diinaa basaasanii odeefannoo fidan, gootonni dippiloomasii biyyoota garaagaraarra deeggarsa meeshaa argamsiisan, gootonni artii waraanicha onnachiisaa turan, abbootiin amantaa waraanicha kaayyoof jajjabeessaa turan, hojjettoonni galaa qopheessaafi dhiyeessaa turan, gootonni wal’aansaa warra madaa’an yaalaa turan, gootonni injiinaroonni daandii baasaafi sirreessaa turan, gootonni seenaa galmeessaa turanis jiru turani.

Ogeessi hin duulleefi ogummaan hin hirmaanne hin turre. Ijoolleeniifi manguddoonni, dhiironniifi dubartoonni hundi akka ogummaafi humnasaaniitti dirqamoota addaddatiin duulaniiru.

Itoophiyaan kan as geesse fuuldurattis kan cimtee dhaabattuufi kan misoomtus haala kanaan akka ta’e hubachuutu nurra jira.

Bu’urri qabsoofi injifannoo kana hundaa uummatichadha. Gootummaan akka aadaa keenya ta’u kan godhe uummatichadha.

Garaagarummaan tokkummaa sabdanessummaatiin, walitti buinsi araaraan, lola jaalalaan, fayidaan dhuunfaa faayidaa biyyaatiin akka bakka bu’u kan godhe uummatichadha. Kan galaa qopheesseefi gootota faarsaafi jajaa kan gaggeesse uumatichadha.

Bakka garaagaraatii meeshalee barbaadee goota kan hidhachiise uummatichadha. Wayita waraanni adda waraanaatti duule naannoosaa kan eege uummatichadha. Injifannoo booda akka biyyi hin beelofne kan min’aan hoomishe, horiis kan eegee uummatichadha. Daa’imman warra aarsaa ta’anii kan guddise, gootota madaa’an kan kunuunse uumatichadha.

Bakka uummatni injifataan hin jirretti raayyaan injifataan akka hin uumamne dagatamuu hin qabu.

Ijoollee biyyakoo jaalatamtoota,
Har’as Itoophiyaan humnoonni afranuu kaayyoo tokkoof akka dhaabataniif barbaaddi. Hooggantoota, duultota, dugduubeewwaniifi bu’uroota. Kaayyoon keenya tokkodha; Itoophiyaa biyya Afrikaa gama hundaan badbaate taasisuu.

Hooggantoonni sadarkaa garaagaraarra jiran, duultonni dhaabbilee addaddaa keessa jiran, dugduubeewwan duultota beekumsaan, maallaqaan, gorsaan, abboommiidhaan, yaadaan, ogummaadhaan deeggeran; uummata kana hundaaf abbaafi irraas fayyadamaa ta’u waliin tokko taanee yoo hin hojjenne badhaadhinni hawwii malee jireenya hin ta’u. Warra seenaa hojjetan dhiisaati warra seenaa yaadatan illee hin taanu.

Duultonni Adwaa weerara dhukkubaafi qorumsa uumamaa waliin qabsaa’aniiru. Bulchiinsaafi daandii bittaa irratti garaagarummaa qabu turani. Dhiibbaan alaa isaan mudateera. Baandaan keessaas isaan qoreera. Kun hundi garuu Itoophiyaa gadittidha jedhanii kaayyoo tokkoof qabsaa’aniiru. Kaayyoo tokkoof aarsaa ta’aniiru.

Waan argatanirra waan nuuf kennanitu caala. Waan fayyadamanirra kan nufayyadanitu caala. Namni biyyasaaf hojjetu daandiinsaa kanumadha.

Har’as qorumsoonni fuuldura keenya jiru. Gootonni kan ittiin madaalaman garuu qorumsoota kana abdii boriif jecha darbuudhaani. Gatii nuuf kanfalameen jiraachaa waan jirruuf nutis dhaloota dhufuuf gatii kanfaluu qabna.

Itoophiyaan yennas utuu gita-bittoota Awuroppaatiin marfamuushee, keessaas dhumaatii horiifi beelaan qoramuushee qofa ilaalteetti ta’e, onneefi jabina hin argattu ture. Ummatni rakkooleesaa qofaa lakka’uu carraawwansaa isa jala darbu.

Carraawwansaa lakka’ee kan cimee dhaabbatu garuu rakkooleesaa ni injifata. Adwaan rakkoodhaan xaxamanii hafuu nu hin barsiifne; carraa lakkaa’atanii rakkoo cehuu malee. Kaleessarra borirratti yoo xiyyeeffanne, waan hundumaa Itoophiyaa gaditti yoo taasifne, tokkummaa keenya sabdaneessa ta’e yoo cimsine, qormaatni akka hurrii numarse akka aaraa baqatee bada. Yennas hiyyummaafi duubatti hafummaa irratti, gargar bahuufi qoqqoodamuu irratti injifannoon Adwaa deebi’ee niraawwatama.

Hunduma keenyaaf Ayyaana Injifannoo gaarii haa ta’u.

Itoophiyaan tattaffii ijolleesheetiin sodaatamteefi kabajamtee bara baraan haa jiraattu!!

Uumaan Itoophiyaafi uummatashee haa eebbisu!
Guraandhala 22, 2015
#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.