Fana: At a Speed of Life!

Xiyyeeffannoo Ityoophiyaan dameewwan saayinsii, teekinooloojiifi innooveeshiniif laate biyyoota Afrikaa Bahaaf fakkeenya kan ta’udha jedhame

Finfinnee, Guraandhala 19, 2015(FBC)- Xiyyeeffannoo Ityoophiyaan dameewwan saayinsii, teekinooloojiifi innooveeshiniif laate biyyoota Afrikaa Bahaaf fakkeenya kan ta’udha jedhan miseensonni paarlaamaa Ugaandaa.

Jilli miseensota paarlaamaa Ugaandaa Ityoophiyaatt guyyoota shaniif daawwannaa hojii kan taasisan yoo ta’u, turtiisaaniin dhaabbilee saayinsiifi teekinooloojii Ityoophiyaa daawwataniiru.

Imaammanniifi hojiimaanni Ityoophiyaan dameewwan saayinsii, teekinooloojiifi innooveeshiniin hordofaa jirtu damicha guddisuuf bu’uura kan ta’u ta’uu eeraniiru.

Dursaan jilichaa Filooreens Akiikiin, mootummaan Ityoophiyaa guddina biyyattii teekinooloojiifi innooveeshiniin hogganuuf hojjechaa jiraachuu hubachuusaanii kaasaniiru.

Ogeeyyiin damichaa Ugaandaa Ityoophiyaa waliin akka hojjetaniif kan barbaadan ta’uu ibsuusaanii Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.