Qabxiin barattootaa akka guddatuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba- obbo Oodriin Badrii
Finfinnee, Guraandhala 19, 2015(FBC)- Qabxiin barattootaa akka guddatuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba jedhan Pireezidaantiin naannoo Hararii obbo Oodriin Badriin.
Naannoo Harariitti barattoota qormaata kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmneessisaniif badhaasni kennameera.
Obbo Oordiin Badriin sagaticharratti haasawaa taasisaniin, qormaata kutaa 12ffaa bara kanaan naannichatti bu’aa jajjabeessaan galmaa’us quubsaa akka hin taane ibsaniiru.
Qabxii barattootaa guddisuuf daran hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsuusaanii ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.