Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awrooppaa Ityoophiyaatti hoggansa sodaa balaa cimsuuf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 26 laate

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2012 (FBC) – Gamtaan Awrooppaa Ityoophiyaatti bulchiinsa hoggansa sodaa balaa cimsuuf deeggarsa Yuuroo miiliyoona 26 laate.
 
Deeggarsichi naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Somaalee fi naannoo Ummattoota Kibbaatti hojiirra oola jedhameera.
 
Deeggarsicha koomiishinarri Koomiishinii Bulchiinsa Hoggansa Sodaa Balaa Ityoophiyaa Mitikkuu Kaasaa fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Gamtaa Awrooppaa Yoohaan Boorgistaam magaalaa Finfinneetti ifoomsaniiru.
 
Deeggarsi Yuuroo miiliyoona 26 argame humna naannoleen balaa ittisuurratti qaban kan cimsu ta’a jedhameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.