Yaa’iin waggaa gorsitoota Shari’aa Ityoophiyaa jalqabaaf gaggeeffame
Finfinnee Guraandhala 18, 2015 (FBC)- Waldaan Ogeeyyii Faayinaansii Dhalarraa Bilisaa Ityoophiyaa, Yaa’ii Ulaamaa’otaa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa waliin ta’uun yaa’iin waggaa gorsitoota Shari’aa yeroo jalqabaaf gaggeesseera.
Yaa’icharratti baankota, dhaabbilee inshuraansii fi maayikiroo faayinaansii qajeelfamoota faayinaansii Shari’aa bu’uureffachuun hojjetan hirmaataniiru.
Yaa’ichi baankonni tajaajila baankii dhalarraa bilisaa kennaan sirna faayinaansii walfakkaataa diriirsuun tajaajila walfakkaataa akka kennan kan tumsuudha jedhameera.
Yeroo jalqabaatiif yaa’ii gaggeeffamerratti seerota shari’aatiin tajaajiloota faayinaansii dhalarraa bilisaa fi hojmaata waliigalaa ilaalchisuun muuxannoon idil addunyaa dhiyaatee irratti mari’atameera.
Beeteliheem Mokuwaanintitu gabaase
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.