Fana: At a Speed of Life!

Pirojektiin bishaan dhugaatii Magaalaa Bidiree Birri miiliyoona 315’n ijaaramaa jiru %15’rraa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 18, 2015 (FBC)- Pirojektiin bishaan Dhugaatii Magaalaa Bidiree Birri miiliyoonaa 315’n ijaaramaa jiru %15’rraa ga’uu Biiroo Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa ibse.

Jiilli Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injiinar Mammaadziyaad Galatoon durfamu ijaarsi piroojeektii bishaan dhugaatii magaalaa Bidiree daawwateera.

Pirojeektichi walta’iinsa Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa fi UNICEF’n kan ijaaramaa jiru yoo ta’u ijaarsii pirojektichaa eegalee baatii ja’a keessatti %15rra ga’uun ibsameera.

Pirojektiin bishaan dhugaatii Godiina Baalee Aanaa Madda Walaabuu Magaala Bidireetti ijaaramaa jiru kun wayita xumuramutti jiraattota magaalattii fi naannawaa ishee kuma 37 ol fayyadamtoota akka taasisu Injiinar Mammaadziyaad Galatoon ibsaniiru.

Piroojeektichi Birrii miiliyoona 315 oliin hojjetamaa kan jiru ta’ee baajatnii pirojektichaa %30 Mootummaa Naannoo Oromiyatiin, %70 ammoo UNICEF’n kan uwwifamuudha jedhameera.

Hoji Gaggeessaan Dhaabbata Konsitiraakshinii Najiifan Injiinar Baacaa Ida’oo gama isanaiin ijaarsa piroojeektichaa waggaa tokko keessatti xumuruun hawaasaa fayyadamtoota taasisfuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Dassaalany Abarraatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.