Fana: At a Speed of Life!

Eejensii Misoomaa Gamtaa Afrikaa Misooma Ityoophiyaan gaggeessitu deeggaruuf qophii ta’uu ibse

Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)- Eejensii Misoomaa Gamtaa Afrikaa misooma Ityooophiyaan gaggeessaa jirtu deeggaruuf qophii ta’uu Hoji Raawwachiistuun Eejensichaa Naardoos Baqqalaan ibsan.

Eejensichi biyyoota Afrikaa garaagaraatti pirojektoota misoomaa deeggaruun hojii saffisuu hojjechaa jira jedhameera.

Hoji Raawwachiistuun Eejensicha Naarsdoos Baqqalaan akka ibsanitti, misoomaa Ityoophiyaan dameewwan garaagaraan gaggeessaa jirtu eejensichi ni deeggara.

Guddinni diinagdee biyyattii yeroo ammaa mul’atu jajjabeessaa ta’uu ibsuun, eejensichi dameewwan barbaachisoo ta’an irratti deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu fi abbootii qabeenyaa dame fayyaa, qonnaa fi kanneen biroorratti bobba’an deeggarsa akka taasisan ibsaniiru.

Akka Ardii Afrikaatti fayyaan, wabii nyaataa fi warshaalee qorichaa hundeessuu fi hojiilee biroon hojjetamaa jiraachuu eeruun mootummaa Ityoophiyaa waliinis walta’iinsaan akka hojjetan dubbataniiru.

Eejensichi qorannoo gaggeesseen, intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddugaleessaa miiliyoona 100 Afrikaatti argaman keessaa miiliyoonni 92 damee idileen alaarratti akka argaman ibsuu TOI gabaaseera.

Haaluma kanaan Gamtaa Afrikaa keessatti gahee damee dhunfaa guddisuuf intarpiraayizootaaf dhiyeessii kaappitaalaa, walitti hidhamiinsa gabaa, ijaarsa dandeettii fi karoora bizinasii irratti hojjechuu barbaachisas jedhaniiru.

Bara 2050’tti baay’ina ummataa biiliyoona 2.4 ni qabaattiin kan raagame Afriikaatti, carraa hojii bal’isuu fi intarpiraayizoota cimsuu barbaachisa jedhaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.