Fana: At a Speed of Life!

Koorporeeshinichi sanyii filatamaa kuntalaa kuma 219 walitti qabe

Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)-Bara oomishaa 2014/15 lafa hektaara kuma 15 ol sanyiin uwwifame irraa sanyii filatamaa kuntaala kuma 219’tti dhiyaatu walitti qabuu Koorporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Ityoophiyaa ibse.

Haaluma kanaan hanga baatii Guraandhalaa 2015 gara jalqabaatti sanyiilee filatamaa kuntaala kuma 218 fi 806 walitti qabuu ibseera.

Sanyii filatamaa calleessuun fayyadamtootaaf dhiyeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsameera.

Koorporeeshinichi lafa hektaara kuma 15 ol irratti akaakuu midhaanii 21’n sanyiilee filatamoo 70 kuntaala kuma 300 ol waggaatti oomishuun fayyadamtootaaf akka dhiyeessuu beeksiseera.

Misooma jallisii babal’isuu fi lafa dabalaataan barbaaduun midhaanota alattti ergaman oomishuun qophiin duraa taasifamaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Kominikeeshinii Koorporeeshinichaa Gaashaawu Ayichiluuhiim Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ibsaniiru.

Yohaannis Darriboowutu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.