Eeyyamni ijaarsa gamoo namoonni sadii irraa kufuun lubbuun darbanii uggurame
Finfinnee, Guraandhala 15, 2015 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti eeyyamni gamoo ijaarsarra utuu jiruu kaleessaa namoonni sadii irraa kufuun lubbuun darbanii ugguramuu Abbaan Taayitaa To’annoo Eeyyamaa Ijaarsaa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Abbaa Taayitichaatti Daayrektarrii To’anno Ijaarsa Kamaal Jamaal Faanaa Biroodkaastingi Koorporeetiif akka ibsanitti, abbaan qabeenyaa gamichaa eeyyamni ijaarsa eegalchiisuu hanga darbii 4ffaatti kan kennameef ta’us, ijaarsicha erga eegalanii booda hanga darbii 5ffaatti itti fufsiisuun haala eeggannoo hinqabneen ijaarsi gaggeeffameera.
Gamichi qabattoon nageenyaa wayita hojjettoonni yaabanii bu’an kan hinqabnee fi maashinnii meeshaa ittiin yaabsisanii fi buusan shiboo dulloomeen kan hidhame, ta’uurraan kan ka’e hojjettoonni darbii 5ffaarraa wayita bu’aan cituun lubbuu isaanii darbuu yaadachiisaniiru.
Haaluma kanaan abbaan taayitichaa eeyyama ijaarsa gamichaa ugguruu himaniiru.
Kanaan duras abbaa qabeenyaa gamichaaf ogeeyyii to’annootiin akka sirreeffamu akeekamee turuu yaadachiisaniiru.
Magaalichatti hojii walfakkaataarratti kan bobba’an hojiin eeyyama ijaarsaa ugguruu fi haquu akka fudhatamu ibsaniiru.
Taarik Addunyaatu gabaase
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.