Fana: At a Speed of Life!

Gamoo ijaaramaa jirurraa kufuun lubbuun hojjettoota 3 darbe

Finfinnee, Guraandhala 14, 2015 (FBC) – Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallittiitti hojjettoonni hojii humnaa hojjetan 3 Gamoo ijaaramaa jirurraa kufuun lubbuun isaanii darbe.

Kutaa magaalichaa aanaa 5 iddoo addaa wiirtuu leenjii konkolaachiftootaa jedhamu fuulduratti gamoo ijaarsarra jirurraa kufuun lubbuun isaanii darbuu Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinneetti Itti aanaan daayrektara hariiroo ummataa Komaandar Maarqoos Taaddasaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Hojjettoonni Liiftii Haadaarraa hojjetameen meeshaalee ijaarsaa deddeebisaa turan darbii 5ffaarra wayita gadi deebi’uuf jedhan haadichi cituun kufanii lubbuun darbuu isaanii eeraniiru.

Dargaggoonni umriin isaanii waggaa 25 hanga 30 ta’an 3 lubbuun darbuu Komaandar Maarqoos ibsaniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.