Fana: At a Speed of Life!

Walta’iinsi Ittisa Bookee Busaa hoggantoota Afrikaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota 7f beekkamtii kenne

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2015 (FBC) – Walta’iinsi Ittisa Bookee Busaa hoggantoota Afrikaa Ityoophiyaa dabalatee biyyoota 7f dhibicha ittisuuf hojii gaarii hojjetaniif beekkamtii kenneera.

Walta’insichi Ityoophiyaa, Diimokiraatawaa, Koongoo, Ruwaandaa, Gaanaa,Zaambiyaa, Taanzaaniyaa fi Keeniyaaf beekkamtii laateera.

Bara Faranjootaa 2030tti dhibicha hir’isuuf galma qabame milkeessuuf hojilee hedduun hojjetamuu akka qaban dura taa’aan walta’iinsichaa Pireezidaantiin Giinii Bisawu Umaarooo Siisookoon hubachiisaniiru.

Addunyaarraa namoota dhibichaan du’an keessaa % 98 Afrikaa keessatti argamu jedhamuu TOI gabaaseera.

Dhibicha ittisuuf Doolaarri biiliyoonni 15.7 kan barbaachisu ta’uu isaan hawaasni idil addunyaa tumsa akka taasiisu gaafatameera.

#Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.