Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Itti Gaafatamaa Fooramii Michummaa Afrika-Raashiyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC)- Ministir Deetaan Ministeeraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Itti Gaafatamaa Fooramii Michummaa Afrika Raashiyaa Ambaasaaddar Ooleeg Ozervi waliin mari’ataniiru.
Biyyoonni lameen daldalaa fi invastimantii dabalatee dameewwan garaagraarratti hariiroo gama lameenii cimsuuf fedhii qaban ibsaniiru.
Marichaan Ambaasaaddar Ooleeg Ozervi baatii Adoolessaa dhufu yaa’ii dureewwan Afriikaa-Raashiyaa 2ffaa Raashiyaa Seenti Peetisbargitti gaggeeffamuuf qophii jiruurratti ibsi taasifameera.
Ambaasaaddar Misgaanuun gama isaaniin Ityoophiyaan Raashiyaa waliin hariiroo seena qabeessaa abduuf bakka olaanaa akka kennitu ibsaniiru.
Dabalataanis, haala yeroo Ityoophiyaarratti garee jilaa Raashiyaaf ibsa kennuu ragaan Ityoophiyaatti Embaasii Raashiyaarraa argame ni mul’isa.
#Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.