Gabaan Simmintoo erga bilisa ta’ee hanqinni dhiyeessii kan duraa caalaa mudachuu tajaajilamtoonni ibsan
Finfinnee, Guraandhala 10, 2015 (FBC) – Qajeelfamni haaraan gabaa Simmintoo erga hojiirra oolee gatiin fooyya’us hanqinni dhiyeessii mudachuu kutaaleen hawaasaa ibsan.
Keessattuu Warshaaleen Simmintoo dabareen dhiyeessuun isaanii hanqinni dhiyeessii akka mudatu taasiisuu himaniiru.
Qaamni abbummaan Simmintoo raabsuu fi dhiyeessu dhabamuun isaa rakkicha hammeessuu ibsaniiru.
Dhaabbileen meeshaalee ijaarsaa oomishanii fi Ijaarsaa sababa hanqina Simmintoon hojii dhaabaa jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo ammaa Simmintoon kuntaalli tokko Birrii kuma 1fi 500 hanga Kuma 1 fi 700 gurguramaa jiraachuu ibsameera.
Akkaataa Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa naannawaa kaa’een gatiin Simmintoo kuntaala tokkoo Birrii Kuma 1 fi 200 gadi ta’uu qaba.
Akka Oromiyaatti rakkoo dhiyeessa Simmintoo waaraan furuu fi tilmaama gatii isaa baasuuf qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu Biiroo Daldalaa Oromiyaatti Daayrektarri Eegumsa Mirga Fayyadamtootaa fi Dorgommii Daldalaa Obbo Lammaa Ajjamaan ibsaniiru.
Warshaaleen dhiyeessitoota filachaa waan jiraniif yeroo muraasaan booda hanqinni dhiyeessii ni furama jennee abdanna jedhan.
Gabaa bilisaa jechuun qaamni hundi karaa seera qabeessa ta’een haala barbaadeen akka dhiyeessu, gurguratu, argatuu fi bitachuu ta’uu hubatamuu qaba jedhan.
Bakka rakkoon jirutti mootummaan hordoffii fi to’annoo barbaachisu kan taasiisu ta’uu Obbo Lammaan kaasaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.