Fana: At a Speed of Life!

Qabeenyota hataman garaagaraa dabalatee shakkamtoonni 400 ol to’atamuu ibsame

Finfinnee, Guraandhala 7, 2015(FBC)- Meeshaalee waraanaa seeraan alaa dabalatee qabeenyonni hataman hedduuniifi shakkamtoonni 400 ol to’atamuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Poolisiin magaalichaa yaaddoowwan yakkaa magaalichatti mul’atan hir’isuuf karoora addaa baasuun xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu hogganaan damee Yakkaafi Balaa Tiraafikaa magaalichaa Ittaanaan Komishinaraa Hasan Nagaash eeraniiru.

Eeruu uummatarraa argamaniifi qorannoo polisiin taasise ka’umsa godhachuun yakkoota yaaddoo ta’uu danda’aniifi naannoowwan yakkoon itti raawwataman adda baasuun eegumsa taasisuun hojiilee ittisaa hojjechuurra darbee hojiilee duulaa hojjechuun bu’aa ga;lmeessuun danda’amuu addeessaniiru.

Shakkamtoota kallattiin yakkarratti hirmaatan dabalataan namoota dhuunfaa qabeenya garaagaraa hannaafi saamichaan argaman fuudhan qorannoon adda baasuun hojiin duulaa dabalataa akka irratti hojjetamu taasifamuu kaasaniiru.

Hojiilee karoora addaan hojjetamaniin konkolaattota hatamaniifi gocha yakkaaf oolaa turan, meeshaalee jijjiirraa konkolaataa, meeshaalee elektirooniksii, meeshaalee ijaarsaa, galteewwan bu’uuraalee misoomaa, meeshaalee waraanaa garaagaraa, meeshaalee kontiroobaandiifi meeshaaleen biroon to’atamuu eeraniiru.

Baatii Amajjii darberraa eegalee karoorri addaa hojiirra oolaa jiraachuu eeruun, hanga ammaatti shakkamtoonni 438 to’annaa jala ooluun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsuusaanii ragaan Poolisii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Haala yakki magaalichatti yaaddoo ta’uu hin dandeenye waaraan mirkaneessuuf hojiileen oppireeshinii karoora addaa cimanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

#Ityoophiyaa #Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.