Injifannoo Adwaa haalan kabajuuf qophiin xumurame – Koree kabaja ayyaanichaa
Finfinnee, Guraandhala 9, 2015 (FBC) – Injifannoo Adwaa haalan kabajuuf qophiin xumuramuu Koreen kabaja Ayyaanichaa beeksiise.
Ijifannoo Adwaa haala kabaja isaaf maluun kabajuuf qophiin xumuramuu Koreen Ministeera Raayyaa Ittisaa, Aadaa fi Ispoortii, akkasumas qaamolee dhimmichi ilaallatu keessaa walitti babba’uun hundaa’e beeksiseera.
Injifannoon Adwaa seenaa qabsoo Afrikaanootaa kan jijjiire ayyaana guddaa ta’uu Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasan ibsaniiru.
Injifannoo tokkummaan Ityoophiyaanoota addunyaa dinqisiise ta’uus kaasaniiru.
Injifannichi waan akka salphaatti argame osoo hin taane wareegama lubbuu qaalii gootoota Ityoophiyaan kan argame ta’uu isaan haala ulfina qabuun kabajuuf qophiin xumuramuu eeraniiru.
Injifannoon Adwaa injifannoo seenaa qabeessaa fi addaa bara baraan yaadatamu ta’uu Daayrektarri Hariiroo Ummataa Raayyaa Ittisaa Koloneel Geetinnat Adaanaan ibsaniiru.
Guyyaa ayyaanichaa Madfiin si’a 21 kan dhuka’u ta’uu himuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.